“Uummata misoomaaf kutatee ka’e qabna, Waggaa 10 keessatti seenaa Itoophiyaa sadarkaa Afriikaatti jijjiirra” MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing “Uummata misoomaaf kutatee ka’e qabna, Waggaa 10 keessatti seenaa Itoophiyaa sadarkaa Afriikaatti jijjiirra” MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS – Onkoloolessa 20/2018

‎Abdiin oomisha qonnaatiin akka biyyaafi Oromiyaatti jiru guddaa ta’uu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.

Dooktar Abiyyi hoggantoota garagaraa waliin hojiilee misooma qonnaa Godina Shawaa Bahaa erga daawwatanii booda yaada kennaniin, ‎Waggoota lamaafi sadii dura sanyii filatamaa dhabuurraa kan ka’e oomishni argama ture xiqqaa ta’uu yaadachiisan.

‎”Amma garuu qorannoo sanyii fooyya’aa irratti taasifameen qamadii bishaan xiqqaadhaan yeroo gabaabaatti oomisha kennu argamuufi kuduraalee akka paappaayaafi Muuzii irratti sanyiileen fooyya’oon oomisha kennuu eegalaniiru” jedha.

‎”Paappaayyan duraan beeknuu kan muknii isaa dheeraa garuu firii baay’ee hin qabneedha. kan ammaa garuu kan muknii isaa gaggababaa garuu firii baay’ee qabutuu misoomaa jira” jedhaniiru.

‎Abdiin jiru guddaadha kan jedhan Dooktor Abiyyi , akkuma biyyaattu gannaa bona oomishamaa waan jiruuf miidhaan gosa adda addaatiin jijjiiramni fooyya’an akka jirus ibsaniiru.

‎”Kun ammoo carraa hojii bal’aa kan uumuufi wabii nyaataatiin akka of dandeenyuuf gumaacha olaanaa qaba” jedhaniiru.

‎Waggaa lamaafi sadii booda Xaa’oo biyyee ofiif oomishuu yoo eegallu akkataa gosa biyyeetiin xaa’oo ni qopheessina, Kanaaf ammoo qonnaan bulaan kilaastaran lafa bal’aa teeknooloojii ammayyaa fayyadamee oomishuuf of qopheessuu akka qaban dubbataniiru.

‎Haala kanaan ni oomishama yoo ta’e Itoophiyaan nyaataan of danda’uu qofa mitii gurgutee irraa fayyadamuufi kan biraallee gargaaruu ni dandeessi jedhaniiru.

Biyya uumamaan badhaateefi uummata misoomaaf kutatee ka’e qabna kan jedhan Dooktar Abiyyi, hoggansa gadi bu’ee hojjetu waliin ida’amnee waggaa 10 keessatti seenaa Itoophiyaa jijjiiruun sadarkaa Afriikaatti waamsisnallee jedhaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply