‎Vaayiraasii Maarbarg ittisuufi to’achuuf cimamee hojjetamuu qaba- Ministeera Fayyaa

You are currently viewing ‎Vaayiraasii Maarbarg ittisuufi to’achuuf cimamee hojjetamuu qaba- Ministeera Fayyaa
  • Post category:Fayyaa
  • Post comments:0 Comments

‎AMN PLUS- Sadaasa 12/2018

‎Vaayiraasii Maarbarg ittisuufi to’achuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu Ministirri Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa ibsan.

‎Hospitaala waligalaa Jinkaatti argamuun dhukkubsattoota kan daawwatan Dooktar Maqdas, yeroo ammaa namootni sadii qofti vaayirasichaan qabamanii akka jiran ibsuun, vaayirasichi akka hin daddabarreef hawaasni tooftaalee ittisaa hojirra oolchuu akka qabu hubachiisaniiru

‎Pirezidaantiin Naannoo Kibba Itoophiyaa Obbo Xilaahun Kabbadaa gamasaaniin, hawaasni gorsa ogeeyyi fayyaa seeraan hojiirra oolchuun vaayirasicha ofirraa ittisuu akka qaban dhaamaniiru.

‎Hogganaan Biiroo Fayyaa Naannichaa Obbo Indaashaw Shibbiruu vaayiraasichq ittisuuf qaamoleen hunduu tumsuu akka qaban ibsuun, hojiin hubannoo kennu bal’inaan hojjetamaa akka jiru himuu isaanii TOI gabaaseera.

‎Ministeerri Fayyaa vaayirasicha ittisuudhaaf kan gargaaran meeshaalee qorannoofi yaaliif oolan birrii miliyoona 18’tti tilmaaman hospitaalichaaf deeggarsa akka taasise ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply