Vilaadmiir Puutiin ayyaana Faasikaa sababeeffachuun labsii dhukaasa dhaabuu dabarsan

You are currently viewing Vilaadmiir Puutiin ayyaana Faasikaa sababeeffachuun labsii dhukaasa dhaabuu dabarsan

AMN PLUS – Ebla 11/2017

Pirezidaantiin Raashaa Vilaadmiir Puutiin ayyaana Faasikaa sababeeffachuun waraana Yuukreen waliin qabaniif yeroof labsii dhukaasa dhaabuu dabarsaniiru.

Labsichi halkan Sanbata sa’aatii 6:00 irraa eegalee hanga Dilbata walakkeessa halkaniitti akka turu ibsameera.

Yuukreen murtoo darbe akka fudhattu amantaa qaban kan ibsan Pirezidaantiin Raashaa Vilaadmiir Puutiin loltoonni Raashaa haleellawwan kamuu qolachuuf qophii ta’uu eeran.

Yuukreen murtoo darbe fudhachuufi dhiisuunshee ifa akka hin taanes BBC’n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply