Teemirri, biyyootaa addaa addaa keessatti keessumaa bakkeewwan qilleensa gammoojjii qabanitti biqila. Dheerinni hojjaa isaa giddugaleessaan faana miilaa 60-110 ta’an. Waggoota muraasa as nyaata irra darbee faayidaa fayyaa hedduu akka qabu qorannoowwan mirkaneessaniiru.
Kanaanis, namoota hedduu biratti jaallatamaafi filatamaa ta’aa dhufeera. Teemirri biyyoota Lixaatiif dhiyaatu, garri caalu gogaadha. Gogiinsa Teemiraa ijaan arganii beekuun ni danda’ama.

Yoo qolli teemiraa shushuntuure ‘gogaadha’, yoo lallaafe ammoo ‘jiidhaadha’ jechuun ni danda’ama. Akkaatuma gosa isaaniitti teemirri ho’aan kan hammi isaa xiqqaatu yoo ta’u, halluun isaas akkuma waqtii isaatti diimaa ifaa irraa haga keelloo ifaatti ni argama. Gosti teemiraa baay’inaan namootni fayyadaman Meejuliifi Deeglet Nuur kanneen jedhamanidha.
Teemirri firii mukaa mi’aawaa alanfatamee nyaatamu yoo ta’u qabiyyee madaalawaa ilma namaaf faayidaa hedduu qaban of keessaa qaba. Teemirri waan qaama namaa ijaaru of keessaa akka qabu, qorannoon ‘Health Line’ ni mul’isa.

Feestivaalli guyyoota sadiif gaggeeffamu kun gosoota teemiraa fooyya’aan kan agarsiifaman yoo ta’u sagantaan muuxannoo Wal jijjiiruus akka jiraatu beekameera. Biyya keenyatti waqtii sooma raamadaanaa qofa teemirri amaleeffatamaadha. Garuu akka nyaata idilee tokkootti hawaasa biratti faayidarra oolaa hin jiru.
Amma garuu hojii damee kanaan eegalame beeksisuuf Feestivaala Teemiraa Idil addunyaa naannoo Affaar Magaalaa Samaraatti qophaa’eera Naannoon Affaar misooma Teemiraa kana irratti bal’inaan bobba’eera, naannawa kaanittis babal’isuuf hojjetamaa jira.