Waloomni jabina keenya- Kantiibaa Adaanach Abeebee

You are currently viewing Waloomni jabina keenya- Kantiibaa Adaanach Abeebee

AMN PLUS- Qaammee 2/2017

‎Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ayyaana bara haaraa sababeffachuun harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru.

‎Kantiibaa Adaanach,tibba ayyaanaa qofaa osoo hin taane yeroo mara deeggarsi harka qalleeyyiif taasifamaa turuu himan.

‎Qaammeen 2, Guyyaa Waloomaati, “Waloomni keenya ammoo jabina keenya” jechuun kan ibsan Kantiibaa Adaanach, “maaddii qooduun jaalala waliif qabnu agarsiisuudha” jedhan.

‎Ayyaana bara haaraa kana sababeffachuun,lammilee Kuma 500 oliif maaddiin qodamuus ibsan.

‎Waqtii gannaatti harka qalleeyyii Kuma 156 oliif deeggarsi adda addaa taasifamu Kantiibaa Adaanach himaniiru.

‎Komishinarri Komishinii Qindeessaa Hirmaannaa Uummataafi Tola Ooltummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Yimar Kabbadaa Kutaalee Magaalattii hundatti sagantaan maaddii qooduu kun gaggeeffamaa jira jedhan.

‎Qaammeen 2, Guyyaan Waloomaa ” Heddumminni Faaya Itoophiyaa” mata duree jedhuun kabajamaa jira.

‎Guddataa Ajjamaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply