Waltajjiin ajandaa walitti qabuu dhaabbilee fi waldaalee federaalaa boru eegalamu akka milkaa’u hundi qoodasaa bahuu akka qabu KomishiniinMarii Biyyaalessaa Itoophiyaa waamicha dhiheesse.
Dubbi Himaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Xibabuu Taaddasaa akka himanitti, waltajjiin ajandaa walitti qabuu dhaabbilee fi waldaalee federaalaa boruu Caamsaa 22 hanga 24/2017tti ni adeemsifama.
Hirmaattonni dhaabbilee fi waldaalee federaalaa 38 irraa walitti dhufan 800 waltajjicharratti akka argamanii fi milkaa’ina yaa’ii kanaaf hojiin haalduree hojjetamuu dubbataniiru.
Komishiniin marii waltajjiiwwan ajandaa walitti qabuu 13 adeemsisuusaa eeruun, dhaabbileen Amantaa, Miidiyaaleen, Dhaabbileen Demokiraasii, Paartileen Siyaasaa fi bakka bu’oonni mootummaa waltajjii boruu eegalee adeemsifamurratti akka argaman ibsaniiru.
Itti fufuun Naannoo Tigraayi fi Dayaaspooraa irraa ajandaan akka walitti qabamu dubbachuu isaanii TOI irraa odeeffanne.