Xiyyaarri haaraan bitame dorgomummaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kan dabaluudha-L/J Yilmaa Mardaasaa

AMN Onkololeessa 26, 2017

Xiyyaarri haaraan bitame dorgomtummaa fi sadarkaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kan dabalu ta’uu Walitti Qabaan Boordii Dandichaa fi Ajajaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan himan.

Daandiin Qilleensichaa Walitti Hidhamiinsa Afrikaan biyyoota Addunyaa biroo waliin qabdu cimsuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu kaasanii xiyyaarri ‘Airbus A350-1000’n dhaqqabummaa Idil Addunyaa bal’isuutti dabalataan tajaajila mijataa maamiltootaaf kennuuf kan dandeessisuudha jedhaniiru.

Daandichi daldala alaa saffisisuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himuun, xiyyaarri akka kanas dameewwan hundaan hojiilee milkaa’oon akka gaggeeffaman taasisa jedhaniiru.

Dabalataan Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata AirBus waliin tumsa gamlamee qabu guddisuu keessatti gumaacha olaanaa qabaata jedhaniiru.

Hoji Raawwchiisaa Daandihaa Obbo Masfiin Xaasawu gama isaaniin, xiyyarichi Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa keessaatti bu’aa seenaa qabeessaa kan fiduu fi dandeettii daandiichaa sadarkaa olaanan kan dabaluudha jedhaniiru.

“Itoophiyaa Dachee Argama Dhala Namaa” kan moggaafame Xiyyaarichi teessuma 400 kan qabuudha.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply