Ibsa gaazexeessummaa Waajjirri Pireezidaantii Keeniyaa miidiyaaleef ergeen Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoo injifannoo lammiilee Itoophiyaa kan ta’e eebba Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa irratti keessummaa ta’uun akka hirmaatan beeksiseera.
Ibsi kun biyyootni lamaan dhiyeessii anniisaa ibsaan irratti akka waliin hojjataa jiran eeruun sararri dabarsoo humna ibsaa Itoophiyaa fi Keeniyaa humna ibsaa qulqullina qabuu fi gatii madaalawaa ta’een dhiyeessuun qaqqabummaa anniisaa Keeniyaa tumsaa akka jiru addeesseera.
Yeroo gogiinsaa dhiyeessii humna ibsaa tasgabbeessuun guddina industirii deeggaraa akka jiru ibsamee ture.
Dabalataanis, sararri dabarsoo waloo Keeniyaa fi Taanzaaniyaa walitti hidhamiinsa naannoo akka guddisu, daldala humnaa kan guddisu, akkasumas anniisaa haaromfamuu danda’u Baha Afrikaatti kan guddisu ta’uu eereera.