Xiyyeeffannoo Tuurizimiif kennameen faayidaa diinagdee damicha guddachaa jira – Qorataa Tuurizimii Mahaammad Amaan (Dr.)

You are currently viewing Xiyyeeffannoo Tuurizimiif kennameen faayidaa diinagdee damicha guddachaa jira – Qorataa Tuurizimii Mahaammad Amaan (Dr.)

‎AMN PLUS – Hagayya 21/2017

‎Xiyyeeffannoon Tuurizimiif kenname guddachaa dhufuun, faayidaa diinagdee damicha irraa argamu guddisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabaatu Qorataan Tuurizimii Mahaammad Amaan (Dr.) himaniiru.

‎Qophii Roga Dubbii AMN PLUS irratti, Itoophiyaan hawwatoota Tuurizimii uumamaa, namtocheefi aadaa hedduu qabaachuu ishee kan yaadachiisan qorataan kun biyyattiin qabeenya bal’aa kanarraa sadarkaa ol aanaatti fayyadamaa akka hin turre ibsaniiru.

‎Amma garuu bu’uuraalee misoomaa Tuurizimii babal’isuufi hojii beeksisuu hojjatamaa jiruun Xiyyeeffannoo guddaa argachuun isaa galii Tuurizimii irraa argamu dabaluu keessatti gumaacha isaa bahataa akka jiru ibsanii jiru.

‎Hawwatoota tuuristii kanneen akka Gaarreen Baalee, Haroo Wancii, Kooyishaafi kanneen biroo akka fakkeenyaatti kan kaasan Mahaammad (Dr.) bu’uuraaleen misoomaa bakkeewwan kanneenitti babal’achuun sadarkaa addunyaatti akka beekamaniifi daawwattootni akka gara bakkeewwan kanaatti imalan taasisaa jira jedhan.

‎Marii kana irratti kan hirmaatan, Dursaan Hoji-raawwachiisaa Iddoowwan Hawwata Tuurizimii Ministeera Tuurizimii Itoophiyaa Obbo Musaa Kadir, Tuurizimiin akka dameetti erga hojii eegalee jaarraa walakkaa ol lakkoofsisuu yaadachuun, bakkeewwan kanaan dura daawwatamanillee muraasa tahuu eeraniru.

‎Kuufama Tuurizimii bakkeewwan hawwata tuuristii muraasa irra ture gara kallattiiwwan birootti babal’isuuf mootummaan hojjataa jiraachuu kaasan.

‎Itoophiyaan hawwatoota Tuurizimii hedduu Dhaabbata Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii UNESCO’tti galmeessisuun Afriikaa irraa biyya ishee jalqabaa taatus, gama fayyadamummaa diinagdeeen garuu ammallee hojjatamuu akka qabu ibsameera.

‎Qorataa Tuurizimii kan ta’an Mahaammad Amaan (Dr.), hawwata Tuurizimii qabeenya ol aanaa ta’e kana faayidaa gama diinagdeefi hawaasummaan qabu daran dabaluuf ammallee bakkeewwan bu’uuraaleen misoomaa babal’isuun, hoj-maata ammayyeessuun, ijaarsa dandeettii guddisuufi hawwatoota kana kuunuunsuu akkasumas eeguun murteessaa akka ta’e dhaamaniiru.

‎Obbo Musaan gama isaaniin pirojektootni Maaddii Biyyaafi Dhalootaa Ministira Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (Dr.) damee kana jajjabeessuu keessatti gumaacha olaanaa bahachuu ibsuun gara fuulduraatti, ministeera fayyaa wajjin tahuun Tuurizimii fayyaa wajjin wal qabatu “Medical Tourism”jedhamu eegaluuf karoorfamuu himanii jiru.

‎Invastimantii Tuurizimii guddisuuf bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, bakka boqonnaafi bashannanaa daawwatootaa qopheesuurra darbee, abbootiin qabeenyaa hojii kana keessatti akka hirmaatan taasisuuf gama mootummaan sagantaawwan onnachiisan hedduun akka qophaa’anii jiran Obbo Musaan itti dabaluun hubachiisanii jiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply