AMN PLUS- Onkoloolessa 8/2018
Xumuramuun hidha Haaromsaa, bu’uraalee misooma daandii baaburaatif carraa guddaa akka ta’e Itti Aanaan Hoji Raawwachisaa Olaanaa Korporeeshinii Daandii Baaburaa Itoophiyaa Silashii Kaasaa ibsan.
Daandiin baabura Itoophiyaa humna ibsaatiin tajaajila kennuu kan jalqabe carraa humna ibsa hidhi haaromsaa fidee dhufutti sirritti akka fayyadamus ibsaniiru.
Ammatti tajaajila irra kan jiruufi gara fulduraattis bakkeewwan biraatti daandiwwan baaburaa babal’isuuf karoora qabame milkeessuuf hidhi haaromsa carraa guddaadha uumas jedhaniiru.

Obbo Silashiin akka ibsanitti kutaalee biyyatti kallatti adda addaatti daandiwwan baaburaa 8 diriirsuuf korpreeshichi karoorsuu isaa dubbataniiru.
Daandiin ijaarsa baaburaa kun yoo xumuramee biyyatti kallatti afraniinuu kan wal qunnamsisu ta’uus ibsaniiru.
Yeroo itti aanutti bu’uraaleen misooma daandiwwan baaburaa % 80 ol kan ta’u humna biyyattitiin hojjechuuf kan karoorfame yoo ta’u, pirojektiwwaan yaalii tokko tokko akka eegalame himuu isaanii TOI gabaaseera.