Xumuramuun Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa goolaba seenaa qabatamaa siyaasa naannichaa kan sirreessudha jedhan MM Abiyyi Ahimad (Dr.)
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (Dr.) Gorsaa isaanii dhimma Hawaasummaa Diyaaqon Daani’eel Kibrat wajjin turtii waa’ee Hidha Haaromsa guddicha Itoophiyaa irratti taasisaniin xumurri Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa goolaba seenaa qabatamaa siyaasa naannichaa balfamee akka sirreessuu dubbataniiru
Baroota dheeraaf rakkoon Itoophiyaa keessatti uumaman hundumaaf sababnni inni guddaan Laga Abbayyaa irra kan maddu dha, kanneen biroon isarraa kan dhalatanidha, Sababiin isaa walitti bu’insi biyyaattii keessatti iddoo adda addaatti kan uumamu kallattinis ta’e kallattin alas kana waliin walqabata jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.)
Haata’u malee Itoophiyaan rakkoo isaa guddaa furte jechuun isaan kan furuuf salphaadha jedhan. Rakkoo baroota kumaata furuu erga dandeenyee rakkoo galaana diimaa waggaa soddamaa furuun salphaadha jedhan.
Itoophiyaan rakkoo Laga Abbayya furuu erga dandeessee fuulduratti pirojektoota gurguddaa hedduu eegalte ni xumurtis jedhaniiru.
Itoophiyaan kan booda haqa eegdi malee haqa hin kadhattu kan jedhan Ministirri Muummee kana immoo Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaatiin mirkaneessineerra, kun ammo misooma biraatiin dabalamaa deema jedhan.
Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa faayidaa dinagdee qofa miti, mul’ata Itoophiyaan gara fuulduraatti qabdu meeshaa ittiin fiixaan baastudha. Kun ammo olka’insa Itoophiyaa ni ariifachiisa jedhan.
Tolasaa Mabraateetiin