Yaa’ii yaadama ‘Waadaa hanga Aadaatti’ jedhuun kallattiin kaa’ame hundi hojiirra ooluu qabu- Aadde Liidiyaa Girmaa

You are currently viewing Yaa’ii yaadama ‘Waadaa hanga Aadaatti’ jedhuun kallattiin kaa’ame hundi hojiirra ooluu qabu- Aadde Liidiyaa Girmaa

AMN PLUS, Guraandhala 13, 2017

Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti Kallattii Yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaan kaa’ame xiyyeeffannoodhaan hojiirra oolchuun akkaata danda’amu irratti mari’atame.

Maricha irratti Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Lidiyaa Girmaa, Hooggantonni olaanoo biroofi kutaaleen hawaasaa argamaniiru.

Hojii Rawwachistuu olaantuun kutaa Magaalaa Kolfee Qaraniiyoo Aadde Niyamtalla Kabbaadaa, kallattiwwaan yaa’ii paartichaan ka’amaan hojiitti hiikuuf hawaasaa kutaa magaalicha waliin qindoominan kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Hooggaantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa Waadaa hanga Aadaatti Yaadama jedhuun kallattiiwwan kaa’aman hunda gara hojiitti hiikuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaaniru.

Leensaa Hordofaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply