Yaa’iin Aardii Dhaabbata Hojii idil Addunyaa (ILO) 20ffaan mata duree “Hawaasa dandamataafi naannoo fayya-qabeessaaf” jedhun Magaalaa Finfinneetti taa’amuu eegalee jira.
Yaa’icha Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa, Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itiyoophiyaa, akkasumas Dhaabbata Hojjii Idil-addunyaa (ILO)fi qaamoolee qooda fudhattootatu waliin qopheesse.
Haasawa Saaqiinsa Yaa’ichaa kan taasisan Ministirri Ministeera Misooma magaalaafi bu’uraalee misoomaa aadde Caaltuu Saanii addunyaa rakkoolee waliitti bu’insaafi jijjirama qilleensaan qoramaa jirtuu keessatti rakkoo hojii dhabdummaa biyyoota adda addaa keessatti mudatu salphisuuf konfiraansii akkanaatiin waliin marii’achuun dhimma murteessaadha jedhan.

Yaa’iin magaalaa Finfinneetti taa’amuu eegalee kun imaammata daandii gara haqaa hawaasummaatti geessu bocuu, namoota dhuunfaa fi hawaasa hundaaf egeree itti fufiinsaafi badhaadhina qabu mirkaneessuu galma isaa taasifachuun kan taa’amuudha.
Konfiransii kana irratti ministeeronni biyyoota adda addaa, hoggantonni dhaabbilee idila addunyaa, bakka bu’otni hawaasa dippiloomaasii, bakka bu’otni hawaasa Siivikiifi dhaabbilee miti mootummaa akkasumas bakka bu’otni Fedireeshinootni hojjetaafi hojjechisaa adda addaan qooda fudhataniru.
Yaa’iichi Itooohiyaan aadaa simannaa keessummaa irratti qabdu, giddu gala Konfiraansii idila addunyaa garagaraafi teessoo hawaasa dippiloomaatii Afrikaafi Idila Addunyaa ta’ushee kan itti mul’istuudha jedhameera.
Yaa’ichi guyyoota 5f Caamsaa 11-15 bara 2017tti magaalaa Finfinneetti ni taa’ama.
Kaasiyyee Maanguddaatuu Gabaase.