Itiyoo-Injinariing konkolaattoota elektirikaa oomishuuf karoorfateera- Ambaasaaddar Suleeyman Daddafoo

You are currently viewing Itiyoo-Injinariing konkolaattoota elektirikaa oomishuuf karoorfateera- Ambaasaaddar Suleeyman Daddafoo

AMN PLUS- Amajjii 20/2017

Dhaabbatni Itiyoo-Injinariingi Giruup bara dhufuu eegalee konkolaattoota elektirikaa Itoophiyaa keessatti oomishuuf karoorfachuu Hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa Ambaasaaddar Suleeyimaan Daddafoon ibsan.

Dhaabbatichi konkolaattoota humna elektirikaan socho’an biyya keessatti oomishuuf qophii dandeessisu taasisaa jiraachuu himaniiru.

Albuudni galtee baatirii konkolaataa elektirikaa oomishuuf oolu Liitiyeemiin Itoophiyaa keessatti bal’inaan kan argamu ta’uu Ambaasaaddar Suleeyimaan ibsaniiru.

Albuudni kun hanga ammaatti dheedhiin isaa alatti ergamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhaabbatichi yeroo ammaa Teeknooloojii Albuudicha calaluu danda’u barbaadaa akka jiru dubbaaniiru.

Dhaabbatichi ogeeyyii muuxannoo olaanaa qaban 550 qabaachuus eeraniiru.

Waggaa shan keessatti Awutoobisoota deddeebisa ummataa oomishuu eegaluuf hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Itiyoo – Injinariing Giruuppi maashinaroota misooma qonnaa oomishuun qonnaan bultootaaf rabsuun hojii bu’aa qabeessa hojjechuu ibsuu TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply