Yakkamtoota nageenyaafi tasgabbi Magaalaa Finfinnee yaaddoorra buusan to’achuuf sakattoofi to’annoo cimaa akka taasisu Poolsiiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Poolisiin Magaalichaa akka beeksisetti gochoota nageenyaafi tasgabbi Magaalaa Finfinnee yaaddoorra buusan daddabarsa meeshaalee waraanaa, daddabarsa namootaa seeraan alaa, daddabarsa maallaqa seeraan alaa akkasumas yaaddoowwan yakkaa biro guutummaan to’achuuf balleessitootaafi warreen harka keessaa qaban to’achuuf sakattoofi to’annoo cimaa taasisuuf qophaa’eera.
Itti gaafatamaan Quunnamtii Ummataa Poolisii Magaalaa Finfinnee Komaandar Maarqoos Taaddasaa addatti AMN PLUS Dijitaal Miidiyaatti akka himanitti hojiiwwan nageenyaafi tasgabbii qindoomina qaamolee nageenyaafi ummataatiin hojjetamaniin nageenyaafi tasgabbiin magaalatti mirkaneessuun, yaaddoo nageenyaas hambisuun danda’ameera.
Uummnni magaalaa Finfinnee naannosaa dabareen tiksuun yakkamtoota harkaafi harkatti to’achuun seeratti dhiheessaa jira jedhan.
Hojiiwwan hojjetamaniinis baa’ina yakkaa hir’isuun danda’ameera jedhan.
Hawaasni deeggarsaafi tumsa taasisu cimsee itti fufuu akka qabus Poolisiin Magaalaa Finfinnee waamicha dabarseera.