AMN- Sadaasa 13/2017
Yaa’ii Invastimantii Magaalota Ismaartii Afrikaa Naayiroobitti adeemsifamaa jiru irratti Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee badhaafameera.
Bulchiinsi magaalichaa badhaasa kana kan fudhate misooma koridoorii fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaan walqabatee magaalattii keessatti hojjetamaa jiruun yoo ta’u, magaalattiin jiraattota isheef bakka jireenya hawwataa taasisuu fi hojii ashaaraa magariisaa, akkasumas hojiin hajjetama jiru teeknooloojii irratti kan hundaa’e ta’uun isaa ibsameera.
Yaa’iin Invastimantii Magaalota Ismaartii Afrikaa kun Mootummaa Keeniyaa, Kaawuntii Naayiroobii fi UN-Habitat Naayiroobii akkasumas michoota birootiin akka qophaa’e ni beekameera.
Odeeffannoon Biiroo Komunikeeshinii Magaalaa Finfinnee irraa argame akka agarsiisutti Finfinneen konfiraansii itti aanu bara 2025 akka keessummeessitu filatamte himameera.