Yakkoota al-seerummaan raawwataman ittisuuf gaheen hawaasaa olaanaa ta’uu ibsame

You are currently viewing Yakkoota al-seerummaan raawwataman ittisuuf gaheen hawaasaa olaanaa ta’uu ibsame

‎AMN PLUS-Sadaasa 16/2018

‎Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Abbootii Qabeenyaafi Miseensota Waldaa Doqdoqqee Waliin nageenya Magaalaa Finfinnee waareessuufi maloota ittisa al-seerummaa irratti mari’atniiru.

‎Nageenya Magaalaa Finfinnee Waareessuuf hawaasni qaamolee seera qabeessummaa dawoo taasifachuun yakka raawwatan saaxiluu akka qaban Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Obbo Tasfaayee Dandiir ibsaniiru.

‎Hojii nageenya magaalaa waareessuuf bulchiinsi nageenyaafi tasgabbii Magaalaa Finfinnee taasisu keessatti gaheen hawaasaa olaanaa ta’uu kan himan Obbo Tasfaayeen, hawaasni hojiilee al-seerummaa saaxiluun eeruu kennuu akka qabanis hubachiisaniiru.

‎Hojiilee nageenyaafi yakka ittisuuf qooda fudhattoota kanneen akka abbootii qabeenyaafi miseensota waldaa doqdoqqee waliin mariin hubannoo uumuu akka taasifames dubbataniiru.

‎Leensaa Hordofaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply