Injifannoo Hidha haaromsaan argameen “Itoophiyaan isin galateeffatti, Finfinneen isin galateeffatti” jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.
Hiriira deggersaafi gammachuu Addabaaabaayii Masqalaa irratti adeemsifamaa jiru irratti, ijaarsi Hidha haaromsaa akka milkaa’uuf, ogeessota hojjattoota, Raayyaa Ittisa Biyyaa, humnoota nageenya biyyaaf aarsaa kaffalan, dippiloomaatota, gaazexeessitoota, diyaaspooraa, fi namoota galii xiqqaa argatanii hamma abbootii qabeenyaatti deeggarsa maallaqaa, humnaafi beekumsa waggoota 14 darban keessatti taasisan hunda galateeffataniiru.

Hooggansi Ministira Muummee Abiyyi akka hidhi Haaromsaa milkaa’uuf gumaache olaanaa ta’uu himuun, hooggantoota kanaan duraa yaadicha maddisiiseefi jalqabsiises galateeffataniiru.
Jiraattonni Finfinnee birrii biiliyoona 6 ol Hidha Haaromsaaf gumaachuudhaan seenaa hojjachuu isaaniin akkasuma galateeffataniiru.
Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa akka mallattoo murannoo siyaasaa, birmadummaa fi injifannoo ummataa ta’etti ibsuun, siidaa bara baraa dhalootaaf dhaabbate tahuu isaa addeessaniiru.
Kantiibaa Adaanach “Hidhi Haaromsaa dhiiga, lafee fi dafqa ummata keenyaan ijaarame” jechuun yoo kutannee kaane humni nu dhaabu akka hin jirre kan agarsiisedha” jedhaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin