Yuukireenitti nagaan deebi’uu mala- Tiraamp

You are currently viewing Yuukireenitti nagaan deebi’uu mala- Tiraamp

‎AMN PLUS – Hagayya 13/2017

‎Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Yuukireen carraa nagaa waaressuu qabdi jechuun dubbatan.

‎Erga Pireezidaantii Yuukireen Volodmiir Zeleniskii wajjin kaleessa halkan Waayit Haawusitti mari’atanii booda Yuukireenitti  abdii nagaa waaressuu akka qaban ‘The New York post’ gabaaseera.

‎Tiraamp nagaa waaressuuf, waraana Yuukireeniin dhaabsisuuf tattaaffii addaan hin citne taasisaa jiraniif Zeleniskiin irra deddeebiin osoo galateeffatanii dhaga’amanii jiru.

‎Pireezidaanti Tiraamp oogdummaa Raashiyaa waan agarsiisan fakkaatanillee kutannoo isaan waraana dhaabsisuuf qabaniif galateeffatamaa jiru.

‎Zeleniskiin Puutin wajjin mari’achuuf waraana lubbuu hedduu gaaga’e kanatti goolaba tolchuuf fedhii akka qaban beeksisaniiru.

‎Ta’us Yuukireen bulchiinsota ishee Raashiyaan weeraramte kanneen akka Dombas, Lunahsk, Donesk fi kanneen biroo dabarsitee kennuuf dirqamuu malti.

‎Gaggeessitootni Awurooppaa tokko tokko wixinee “land for peace”, ykn Lafa nagaaf jedhame kana akka deggeran himamaa jiraatullee ifatti waan jedhan hin qaban.

‎Tiraampiifi Puutin, torban darbe keessa wayita Alaaskaatti Wal arganii mari’atan, bu’aa siyaasaa gama dippiloomaasiin Puutin argatanis, kanuma jedhamaa jira.

‎Ammallee ifatti waraanni kun akka dhaabbatuuf Pireezidaant Tiraamp dubbachuu baatanillee waliigaltee kanaan Raashiyaafi Yuukireen akkasumas marii Ameerikaan taasisaniin gara nagaa waaressuutti deemuu malu.

‎Nagaaf jecha dacheen Yuukireen albuudaan badhaadheefi uumamaan bareede qaama Raashiyaa ta’uu mala.

‎Hawwii Yuukireeniifi Biyyoota Awurooppaa bara dheeraa kan ture Keev miseensa Waadaa Waraanaa Kaabaa  Atilaantik (NATO) ta’uun ishee ni hafa.

‎Gama biraan, lammiileen Yuukireen waraana waggaa Sadii oliif gaggeeffameen maatii isaaniifi firoota isaanii dhaban, qe’ee isaaniirraa buqqa’an, erga dachee isaanii dabarsanii kennanii, bakka isaa ammoo beenyaa madaalawaan argatan maal akka ta’e gaafataa jiru.

‎Dhugumatti nagaan waaraa akka dhufu irratti sodaa qaban  ija shakkiin xiinxaluu isaanii gabaasaaleen ni agarsiisu

‎Beenyaan nagaa caalu hin jiru waan jedhan kan fakkaatan Tiraamp ammoo gama isaaniin Yuukireeniif wabii nageenyaa guutuu ta’e akka kennaniif ibsaniiru.

‎Haa ta’u malee, waraanni guutummaatti haa dhaabbatu jedhanii dubbachuuf waan isaan dhibe beekuun hin danda’amne.

‎Tilmaamni xiinxaltoota tokko tokkoo ammoo Alaaskaa bakka marii Puutin waliin itti ta’ani. Alaaskaan dachee Ameerikaan Raashiyaa irraa bara 1867 Raashiyaa irraa bittedha.

‎Mariin Kunis kan Alaaskaatti adeemsifame sababaa qabaachuu mala jedhameera. Raashiyaanis dacheewwan Yuukireen bara 2014 irraa eegalee waraanaan weerarte yoo gara ishee to daangeffatte malee nagaan akka bu’u fedhii dhabuu Puutin agarsiisa kanneen jedhan jiru.

‎Birmadummaa daangaa isa haaraa dhufuuf jiruu raggaasisuuf ammoo humni cimaan sodaachisu akka hin jiraanneef Keev tasumaa miseensa ‘NATO’ ta’uu hin qabdu jechuun isaanii kanuma agarsiisa jedhu.

‎ Keessumaa, Puutin waan dubbataa jiran hamma fakkaatutti, Tiraampiin bakka bu’amanii, “Miseensa NATO hin taatu, Lafa kees dabarsi kenni yoos nagaan bu’a” jechuun isaanii shakkii uumeera.

‎Tiraamp, mariin kun fooyya’insi agarsiisuufi qaamolee sadan jechuunis, Ameerikaa, Raashiyaafi Yuukireen walitti dhufanii akka mari’atan akeekuun isaanii ammallee, waraana dhaabuun nagaa yuukireen waaressuuf imalli eegalamuu isaa malee xumuramuu isaa hin agarsiisu.

‎Tiraamp, marii Waayit Haawusitti Zeleniskii wajjin taasisan waan irra ga’an Puutiniif bilbilanii itti himuu dubbataniiru.

‎Wayituma mariin adeesifamaa jirutti, Raashiyaan lafa Yuukireen akka fudhattuufi miseensa NATO hin taatu jechuun akeekkachiisaa jirti.

‎Aanga’aootni Awurooppaa Yuukireenin deggeruuf hamma Waayit Haawusitti Zeleniskii faana deemanis, dhimma kanarratti ejjennoo ifa ta’e akka  hin keenye BBC, New York Post fi The New York Times gabaasaniiru.

Malkaamuu Abbabatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply