Yuunivarsiitiin Aviyeeshinii Itoophiyaa barattoota 974 balallistoota Xayyaaraa (Paayileetii) dabalatee ogummaa garagaraatiin leenjisaa ture eebbiseera.
Sirna eebbaa kana irrattis Ambaasaadarroonn biyyoota adda addaa bakka bu’an, Hoggantoonni Olaanoo Daandii Qilleensa Itoophiyaa fi maatiin eebbifamtootaa argamaniru
Hojii gaggeessaa olaanaan daandii Qilleensa Itoophiyaa obbo Masfin Xaasoo ogessoonni har’a eebbifaman kunneen tajaajila daandiin qilleensa Itoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti kara ammayyaawaa ta’een kennaa jiru daran guddisuufi babal’isuu keessatti gahee olaanaa akka qaban himaniiru.
Eebbifamtoonni kunnen Itoophiyaafi biyyoota Afrikaa garagaraa irraa akkasumas Chaayinaa irraa barattoonni 38 barnoota isaanii hordofaa turan kan eebbifaman ta’un himamera.
Barattoota Yuunivarsiitin Aviyeeshinii Itoophiyaa eebbisiisee 974 keessaa 614 dubartoota yoo ta’an 360 dhiirota, kanneen keessaa 43 immoo balalliistoota xayyaaraa ta’uu ragaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa ni mul’isa.
Kaasiyyee Maanguddaatuun