Pireezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleniskii, gita isaanii Raashiyaa, Vilaadmir Puutin wajjin Hangaarii Budaapestitti wal arganii akka mari’achuu danda’an gabaasaleen agarsiisaa jiru.
Zeleniskiin marii kaleessa Tiraamp waliin Waayit Haawusitti taasisan hordofuun Pireezidaant Puutin waliin mari’achuuf qophaa’aa ta’uu isaanii beeksisaniiru.
Pireezidaant Tiraamp dhimmoota Zeleniskii waliin irratti mari’atan ilaalchisee Puutiniif bilbilanii, daqiiqaa 40 ta’u waliin dubbatanii jiru.
Puutiin, Yuukireen miseensa NATO hin taatu jechuun irra deddeebiin ibsuu isaanii itti fufaniiru.
Zeleniskiin kanaan dura Puutin, ifaajjii nagaa, waraana dhaabuutti bishaan naqaa jira jedhan, amma garuu Raashiyaa waliin mari’achuuf fedhii qabaachuu isaanii beeksisaniiru.
Pireezidaant Tiraamp mariin Waayit Haawusitti Zeleniskiifi gaggeessitoota Awurooppaa waliin taasisan milkaa’aa ta’uu isaa ibsaniiru.
Tiraamp haala kan mijeessan yoo ta’u, mariin Puutiniifi Zeleniskiin irratti hirmaatan Budaapestitti adeemsifamuu akka malu CGTN gabaaseera.