AMN PLUS- Bitootessa 3/2017
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Minisitira Geejjibaa fi Traanspoortii Alamuu Simee (Dr.) misseensa Boordii Fandii Nageenya Daandii ta’anii muudamuun isaanii himameera.
Itoophiyaan tarsiimoo nageenya daandii biyyaalessaa qopheessuun sirna barnoota keessatti hammachisuun ishee murtee nageenya daandii irratti qabdu kan agarsiisu ta’uu xalayaan muudamaa Alamuu (Dr.) barreeffame ni mul’isa.
Pirojektiin misooma koridooriitiin daandii biskileetii fi miila mijataa ijaaramee fi walitti hidhamiinsa daandii fooyyesuun qindoomina bu’uuraalee geejjibaa akka biyyattii gaggeeffamaa jiru muudama isaaniif sababa akka ta’e himameera.
Komishiniin Diinagdee Afrikaa, Ityoophiyaan nageenya daandii irratti kutannoo fi tattaaffii taasiftu beekamtii kennuun, Fandii Nageenya Daandii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNRSF) jalatti Alamuu ( Dr. ) miseensa Boordii taasise muuduu isaa beeksiseera.
Alamuu (Dr.) miseensa boordii ta’uun muudamuun isaanii Itoophiyaan muuxannoo ishee biyyoota biroof qooduun nageenya daandii irratti muuxannoo fooyya’aa addunyaa mara irraa akka argattuuf carraa gaarii uumuu akka akka danda’u odeeffannoon Ministricha irra argame in mul’isa.