Zeleniskiin yoo Mooskoo dhufan mari’achuu ni dandeenya – Pireezidaanti Puutin

You are currently viewing Zeleniskiin yoo Mooskoo dhufan mari’achuu ni dandeenya – Pireezidaanti Puutin

‎AMN PLUS – Hagayya 28/2017

‎Pireezidaantiin Raashiyaa Puutiin gita isaanii Zeleniskiin Mooskoo dhufuudhaaf fedhii yoo qabaatan mariidhaaf qophaa’aa ta’uu isaanii beeksisan.

‎Puutin, Chaayinaa Beejingitti argamuun guyyaa bilisummaa Chaayinaa waggaa 80ffaa kabajaa kan jiran yoo tahu, ammallee Yuukireen miseensa NATO akka hin taaneefi naannoowwaa qabiyyee Raashiyaa jala jiran dabarsitee kennuu akka qabdu ejjennoon isaanii kan hin jijjiiramne ta’uu ibsaniiru.

‎Kiyeev dhimma dhukaasa dhaabuu irratti Mooskoo waliin mari’achuuf fedhii qabdi taanaan balballi banaa ta’uu ibsanis Zeleniskii irraa hanga ammaatti wanti dhagahame hin jiru.

‎Gama biraan, hoggantootni biyyoota lamaanii waggoota sadiifi walakkaaf wal waraanaa turaniifi fuulaa fuulatti wal arguuf fedhii dhaban marii hoggantoota masaanuu biyyoota Lixaa akka Kiim Joong Uun waliin taasisan booda dachee Raashiyaa akka daawwatan affeeruun kun Volodmir Zeleniskiif ergaa akkamii qabaata kan jedhu qalbii hawaasa guutuu addunyaa hawwachuu akka malu eegama.

‎Madda: Anadolu fi Reuters

‎Namoomsaa Baalliitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply