Pirojektiin kubbaa miilaa Daawwit Isxifaanos ‎guddattoota abdii egeree 110 leenjisaa jira

You are currently viewing Pirojektiin kubbaa miilaa Daawwit Isxifaanos ‎guddattoota abdii egeree 110 leenjisaa jira

‎AMN PLUS- Sadaasa 9/2018

Kubbaa Miillaa Itoophiyaa jijjiiruuf guddattoota irratti hojjechuu akka barbaachisu taphataan Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa duraanii Daawwiit Isxifaanos hime.

‎Yeroo dhiyoo kan hundeeffame pirojektiin kubbaa miilaa Daawwiti Isxifaanos guddattoota 110 leenjisaa jira.

Pirojektichi dirreewwan kubbaa miillaa magalaa finfinneetti misooman irratti guddattoota kanneen leenjisuun haala mijaa’aa uumuufii taphataan urjiin Buna Itoophiyaa duraanii Daawwit Isxifaanos ni hima.

‎Leenjifamtootni kunneen haala umurii isaanii madaaluun leenjifamaa akka jiran kan dubbatu leenjisaa Daawwit, gara fuulduraatti Ispoorteessitoota biyya isaanii waamsisuuf hojjetan akka ta’an turtii AMN waliin taasiseen ibsaniiru.

‎Leenjistoonni pirojektichaa dargaggoota dandeettii qaban gahoomsanii baasuuf leenjii saayinsii irratti hundaa’e kennaa akka jiranis ibsaniiru.

‎Taphataan garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa duraanii fi abbaan pirojektii kanaa Daawiit Isxifaanos akka himutti “kubbaa miilaa guddisuuf karaa guutuu ta’een yoo hojjechuu baanne jijjiirama fiduun akka hin danda’amne” ibse.

‎Taphattoota dargaggoota hedduu gahoomsanii baasuuf iddoowwan leenjii amma jiran gahee olaanaa akka qaban Daawwit himeera.

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Finfinneefi kutaalee Itoophiyaa gara garaatti dirreewwan taphaa babal’isuun guddattoota irratti yoo hojjetame Waggaa 10, 15 keessatti garee biyyaalessaa ittiin boonnu uumuu ni dandeenya jechuun isaanii ni yaadatama.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply