Yuunivarsitiin Finfinnee hundeeffamasaa waggaa 75ffaa kabajuufi

You are currently viewing Yuunivarsitiin Finfinnee hundeeffamasaa waggaa 75ffaa kabajuufi

‎AMN PLUS – Sadaasa 9/2018

‎Yuunivarsitiin Finfinnee ayyaana hundeeffama waggaa 75 Diyaamandii, kabajuuf kan dandeessisu qophii xumuree jiraachuu Eeggataan Chaansilara Yuunivarsitichaa Saamu’eel Kifilee (PhD) ibsan.

‎Yuunivarsitichi gara of danda’uutti ceesisuuf qophiin taasifamaa jiru xumuramuunis ibsameera.

Baatii ‎Muddee bara 1943 erga hundeeffamee eegalee misooma humna namaatiin qo’annoo fi qorannoon gahee adda durummaa isaa bahaa jiraachuu himan.

‎Ayyaana hundeeffama isaa waggaa 75ffaa yaroo kabajamu gumaacha yuunivarsitichi gumaache yaadachuun itti fufiinsaan hojiiwwan hojjetaman cimsuuf karoorsuuniidha jedhan.

‎Bu’uura kanaan shoora yuunivarsitichi gumaache kitaabaan qophaa’ee ifa gochuun filmiin gabaasaan seminaarii barnootaan marii paanaaliin ayyaanicha sababeeffachuun hojiiwwan sagantaa torban tola ooltummaa qophaa’uu isaanii TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply