Hojii dippiloomaasii Lammiileef dursa kennuu hojjetameen ji’oottan lamaan darbanitti qofaa Lammiileen Itoophiyaa, Saa’udi Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan Kuma 22 fi 955, balalii 17’n gara biyyaa deebi’uu dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Dabalataanis Guyyaa kaleessaa lammiilee Itoophiyaa Maaynaamaar, Laa’osiifi Kaamboodiyaatti haala rakkisaa keessa jiran 300 ol baasuun gara Taayilaanditti geessuu kaasaniiru.
Kanneen keessaa namoota 34 gara biyyaa deebisuun akka danda’ame eeraniiru. Lammiileen hafan ammo paaspoortiin isaanii yeroon irra waan darbeef, hojiin paaspoortii isaanii haaressuu hojjetamaa kan jiru ta’uu kaasuun, dhiheenyatti gara biyyaatti akka deebi’an Ambaasaaddar Nabiyaat hubachiisaniiru.
Lammiileen godaansa seeraan alaarraa akka of eeggatanis Ambaasaaddarichi dhaamaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase