Toogoon qaqqabamummaa faayinaansii jireenya horsiisee bulaa Jijjiirama qilleensaan miidhame dandamachiisuu guddisuuf marii biyyoota Afrikaa 15 hirmaachise keessummeessaa akka jirtu ibsame.
Mariin kun magaalaa Anehootti adeemisfamaa akka jirus ibsameera.
Mariin kun Dhaabbata Qonnaafi nyaataa Addunyaa (FAO)’n kan qophaa’e yoo ta’u wixinee pirojektota dhiibbaa jijjiirama qilleensaa qolachuuf dandeessisan cimsuuf gahumsa akka uumu ibsameera.
Marii kana irratti qabeenya uumamaa jiru sirnaan Itti fayyadamuufi sochii ashaaraa magariisaa cimsuun jijjiirama qilleensaa to’achuun akka danda’amu ibsamuu POA’n gabaaseera.
Kanaan, wal qabatee, Itoophiyaan Jijjiirama qilleensaa ittisuuf Sagantaa ashaaraa magariisatiin biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabuun ishee ni yaadatama.
Dabalataanis Jijjiirama qilleensatiif xiyyeeffannoo kennun yaa’ii Jijjiirama qilleensaa Afrikaafi Karibiyaanii Magaalaa Finfinneetti ji’oota muraasa dura keessummeessitee turte.
Itoophiyaan dhiibbaa Jijjiirama qilleensaan dhufu qolachuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa kan jirtu yoo ta’u, yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Addunyaa 32ffaa COP32 ALAtti bara 2027 keessummeessuuf sagalee guutuun filatamtee qophii akka eegalte ni beekama.