Magaalaa Finfinneetti waldaalee dargaggoota carraan hojii uumamuun hojiitti galaniif meeshaaleen hojiif oolan kennameera.
Sagantaa agarsiisa kalaqaa mata duree” Carraa Hojii Aduu Tokkoon” jedhuun carraa hojii dargaggoota Kuma 30 uumuuf taasifamaa jiru irratti dargaggoota gara hojiitti seenaniif meeshaaleen ittiin hojii eegalan kennameera.

Bulchiinsota Kutaa Magaalaa Finfinnee hundatti dargaggoota carraan hojii uumameef kanneen keessaa meeshaaleen hojii ittiin eegalan waldaalee filatamaniif akka kenname ibsameera.
Meeshaaleen kunneenis hojii qonna magaalaa, kunuunsaafi eegumsa misooma magariisaa, ijaarsa, daldala, maanufaakchariingii, tajaajilaafi hojiiwwan biroo hojjachuuf kan oolan ta’uu hubatameera.

Sagantaa guyyaa tokkotti carraa hojii dargaggoota Kuma 30f uumuu kanarratti dargaggootni waldaalee isaanii bakka bu’uun gumaacha meeshaalee hojiif oolan harka Kantiibaa Adaanach Abeebee irraa fudhataniiru.
Kantiibaa Adaanach, “Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee lammiilee bu’aa dafqa isaaniin jiraatan, hojii uumaniifi tattaafatan gama maraan deggeruu itti fufa” jechuun sagantaa Istaadiyemii Finfinneetti har’a ganama adeemsifame irratti dubbataniiru.
Shuumii Badhaasootiin