Guyyaan farra Malaamaltummaa mata duree “Dhaloota Naamusaan, Dhaabbilee Hojimaataan” jedhuun akka addunyaatti yeroo 22ffaaf akka Itoophiyaatti ammoo 21ffaaf Magaalaa Finfinneetti kabajameera.
Kabaja guyyaa farra malaamaltummaa Kanarratti kan hirmaatan Af-Yaa’ii Itti Aantuun Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Faayizaa Mahaammad hojii malaammaltummaa ittisa hojjatameen Birrii Biliyoona 10 ol ta’uufi lafa kaaree meetira Kuma 57 saamicha irra hambisuun danda’amuu dubbataniiru.
Biyyoonni guddatan hannaafi hojimaata badaa qabeenyarraa eeguun biyya isaanii akka misoomsan eeruun lammiileen hundumtuu malaammaltummaa irratti akka qabsaa’an dhaamaniiru.

komishiniin Farra Malaamaltummaa Magaalaa Finfinnees qabeenyi mootummaafi uummataa hannaafi hojimaata badaan akka hin qisaasofne taasisuun guddina magaalittiif akka oolche ibseera.
Komishinarri Komishinii Farra Malaamaltummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jamaal Raddii gamasaaniin qabsoo farra malaamaltummaa milkeessuuf hirmaannaa uummataa dabaluun murteessaadha jedhan.
hirmaannaa uummataa dabaluuf hojiin hubannoo uumuu bal’aan akka hojjetame Obbo Jamaal dubbataniiru.
Hojimaatni badaafi hanni akka xiqqaatuuf akkasumas olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiin jajjabeessaan hojjetamuu isaa ibsaniiru.
Zallaqaa Oljirraatu gabaase