”Naannoon keenya hundaa’ee waggaa 2ffaatti guyyaa sabaaf sablammootaa uummatoota Itoophiyaa 20ffaa kabajuuf carraa arganneef gammachuu natti dhagahame guddaadha” jedhan Pirezidaantii Naannoo Giddu-galeessa Itoophiyaa Indaashaawu Xaasoo (PhD)
Guyyaan sabaaf sablammootaa bara kanaa mata-duree “Waliigaltee Dimokraatawaa Tokkummaa Sab-Daneessaaf!” jedhuun Naannoo Giddu-galeessa Itoophiyaa magaalaa Hosaanaatti kabajamaa jira.

Pirezidaantiin Naannoo Giddu-galeessa Itoophiyaa Indaashaaw Xaasoo (PhD) guyyaan sabaaf sablammootaa bara kanaa wayita biyyi keenya hojii qabatamaa fi olka’iinsa biyyaa dhugoomsuu eegaltee jirtutti kabajamuun isaa adda isa taasisa jedhan.
Kabajni guyyaa sabaaf sab-lammootaa kun Maree biyyaaleessaa gaggeeffamaa jiru milkeessuu keessatti gumaacha guddaa qabas jedhaniiru.
Itti dabaluunis, duudhaa obbolummaa fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsuu keessattis shoora olaanaa qabaachuu himaniiru.
Ayyaanni kunis muuxannoowwan keenya walirraa kan qooddannu faayidaa biyyaalessaa keenya ammoo kan ittiin kabajannudha jedhaniiru.
Daraartuu Tarreessaatu gabaase