Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu ilaalchisuun Miidiyaaleef ibsa kenneera.
Filannoon biyyaalessaa bara kana gaggeeffamu bilisaafi haqa qabeessa akka ta’uuf, paartilee morkattootaa 56 waliin mariin gaggeefamuus boordichi beeksiseera.
Milkaa’ina Filannoo biyyaalessaa bara kanaaf leecalloowwan barbaachisan hundi guutamaa jiraachuu Walitti qabduun Boordii Filannoo biyyaalessaa Aadde Meelatewarqi Haayiluu himanii, adeemsi filattoota galmeessuu karaa dijitaalawaafi waraqaan kan adeemisifamu ta’uus eeraniiru.

Paartileen morkattootaa of beeksisuu, duula na filadhaa gaggeessuu, Miidiyaa sirnaan fayyadamuufi qoodinsa baajataa irratti haqa qabeessummaan gama Mootummaa biyya bulchaa jiruun akka jiraatuuf haaldureen barbaachisu xumuuramuus Aadde Meelatewarqi Haayiluu Himaniiru.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa bara kana adeemsifamuuf Paartileen Morkattootaa beekkamtii qaban Amajii 1/2018 hanga Caamsaa 19/2018 Duula na filadhaa kan taasisan yommuu ta’u, Caamsaa 24/2018 Guutuu biyyattiitti buufataalee filannoo adda bahan hundatti Sagaleen kan kennamu ta’uu sagantaa bahe irraa hubachuu dandeenyeerra.
Sisaay Dirribaatu gabaase