Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiif Badhaasni “Harka Qulqulluu” kenname

You are currently viewing Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiif Badhaasni “Harka Qulqulluu” kenname

AMN PLUS- Mudde 1/2018

Komishiniin Farra Malaammaltummaa Federaalaa Badhaasa “Harka Qulqulluu” jedhamu Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiif kennuun isaa ibsameera.

Badhaasni kun Ministira Muummeef sababaan kennameef qabsoo malaamaltummaa ittisuuf gumaacha taasisaniin bu’aa argameef akka ta’e komishinichi beeksiseera.

Badhaasa kanas Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) bakka bu’uun kan fuudhan Ministira Muummee Itti Aanaa Tamasgeen Xurunaati.

Itoophiyaa biyya malaamaltummaarra bilisa ta’uun badhaadhinni itti dhugoome taasisuuf hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa “mootummaan jijjiiramaa hojii hojjeteen pirojektoonni xumuramuu hin danda’an jedhaman xumuramanii, qabeenya misoomaaf oolchuun magaalonni jijjiiramaa jiru” jedhan.

“Jijjiiramaa as malaamaltummaa hir’isuuf mootummaan xiyyeefannoo kennee hojjechaa jira” jedhan Komishinarri Komishinii Farra Malaamaltummaa Saamu’eel Urqaatoo (PhD).

Dabalataanis, hubannoo hawaasaa cimsuun seera malaamaltummaa ittisuuf gargaaru baasuun akkasumas ga’ee miidiyaan malaamaltummaa saaxiluu keessatti qabu dabaluun hojiileen jajjabeessoon hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.

“Dhaloota Naamusaan, Dhaabbilee Hojimaataan” Dhaadannoo jedhuun Guyyaan Farra Malaamaltummaa Idil-addunyaa 22ffaan sirnoota adda addaan kabajamaa ture harra sadarkaa biyyaatti kabajamuun xumurameera.

Zallaqaa Oljirraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply