AMN PLUS- Amajjii 19/2018
Pirezidaantiin Sooriyaa Ahimad al- Shaaraan gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin bor Mooskootti akka mari’atan himame.
Marii pirezidaantonni lamaan bor jechuunis guyyaa Roobii wal arguun dhimma irratti mari’atan ilaalchisee haga ammaatti waan ibsame hin jiru.
Anga’ootni biyyoota lamaanii dhimma kana irratti haga ammaa ibsa kan hin kennine yoo ta’u, ALAtti Mudde 2024 Pirezidaant Bashir al -Asaad aangoo irraa ka’uun erga bakka bu’anii yeroo 2ffaaf Mooskootti imaluuf akka jiran ibsameera.
Al-Asaad Onkoloolessa Bara 2025 Mooskootti imaluun gita isaanii Puutin wajjin wal arganii akka mari’atan Anadooluun yaadachiiseera.
Pirezidaantiin Sooriyaa duraanii Bashir al-Asaad waggoota 25’tti siqaniif biyyattii kan bulchan yoo ta’u, Mudde Bara 2024 Al-Shaaraan fonqolchamanii gara Mooskootti yoo baqatan Bulchiinsi Paartii Baazi, Bara1963 irraa eegalee Sooriyaa gaggeessaa ture xumura argate.