Awustiraaliyaan daa’imman umurii 16 gadii miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne dhorkite

You are currently viewing Awustiraaliyaan daa’imman umurii 16 gadii miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne dhorkite

‎AMN PLUS-Mudde 1/2018

‎Awustiraaliyaan seera addunyaa irratti yeroo jalqabaaf guddattoota miidiyaa hawaasaa akka hin fayyadamne dhorku hojiirra oolchuun ishee ibsameera.

‎Seerri biyyatti hojiirra oole kunis guddattoota umurii 16 gadii akka isaan miidiyaa hawaasaa hin fayyadamne kan dhorkudha jedhameera.

‎Seerri kunis maatii ijoolleefi dhaabbilee mirga daa’immaniif dhaabbatan biratti fudhatama yoo argatu, dhaabbilee mirga yaada ibsachuuf dhaabbataniifi dhaabbilee teekinooloojii gurguddoon qeeqamuun isaa ibsameera.

‎Awustiraaliyaan guyyoota muraasa darban keessa dhaabbileen miidiyaa hawaasaa gurguddoon kanneen akka TikTok, Google, Youtube fi Facebook dabalatee dhaabbileen 10 itti fayyadama teekinooloojiwwan kenneeni irratti dhorkii daa’immanii akka baasan ajaja dabarsaniiru.

‎Dhaabbileen kunneen seera bahe hojiirra kan hin oolchine yoo ta’e Doolaara miliyoona 33 akka adabaman ibsameera

‎Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaaneez guyyaan seerri kun ifoome maatii daa’immaniif ” Guyyaa Boonsaa” jedheera.

‎”Murtiin kun jijjiirama guddaa fida” kan jedhan Albaaneez, biyya isaanii keessatti jijjiiramoota gama hawaasaafi aadaatiin dhufan keessaa isaa tokko akka ta’e ibsa miidiyaaleef kennan dubbataniiru.

‎Tarkaanfiin kun sadarkaa addunyaatti osoo itti fufee fooyya’iinsa guddaa akka fidus ibsaniiru.

‎Ministirri Muummee Albaaneez Ijoolleen boqonnaa isaanitti ispoortii hojjachuu akka jalqaban akkasumas kitaabota barsiisoo ta’an akka dubbisan dhaamuu isaanii Rooyitarsitu gabaase.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply