Qabsoo Farra Malaanmaltummaa gaggeeffamu irratti hawaasni fi dhaabbileen marti abbummaan hirmaachuu qabu- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Qabsoo Farra Malaanmaltummaa gaggeeffamu irratti hawaasni fi dhaabbileen marti abbummaan hirmaachuu qabu- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Muddee 3/2018

Guyyaa Farra Malaanmaltummaa Addunyaa 22ffaa kutannoofi waadaa malaanmaltummaa ittisuuf qabnu haaressinee kabajneerra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

Waggoota muraasa darban keessatti malaammaltummaan farra badhaadhinaa, madda dhabamuu haqummaa waan ta’eef ajandaa biyyaalessaa taasisuun qabsoon finiine hanna qindaa’aa caaseffama mootummaa keessa kanaan dura ture hambisuu akka danda’e kaasaniiru.

Kanaanis, akka biyyaattis ta’e akka magaalaatti qabeenyi mootummaafi uummataa hojii misoomaa barbaachisaa ta’eef akka oolu taasisuun bu’aawwan misoomaa ajaa’ibsiisoo ta’an galmaa’uu akka danda’an eeraniiru.

Hanna qindaa’aa caasaa mootummaa keessaa hambisuun danda’amullee, hannaafi matta’aan anga’ootaafi hojjattoota mootummaa biratti mul’atu xiyyeeffannoo olaanaa kan barbaadu ta’uu hubachiisaniiru.

Kanaaf ammo sirnoota malaammaltummaaf saaxilan cufuufi madda isaa irraa gogsuuf hojiilee riifoormii eegalaman cimsuun, tajaajilli hojii mootummaa teekinooloojiin kan deeggarame akka ta’u hojjatamaa jiraachuu kaasan.

Itti gaafatamummaan akka jiraatu taasisuun malaammaltummaa bifa guutuu ta’een ittisuuf tumsa qaamolee hawaasaafi dhaabbilee hundumaa akka gaafatu Miidiyaa hawaasa isaaniin ibsaniiru.

Maatii, Hawaasa, Dhaabbilee Amantii, Manneen Barnootaa, Dhaabbilee Mootummaa, Waldaalee Siiviliifi kanneen biroos rakkoo kana madda isaarraa gogsuun ilaalchaafi gocha malaammaltummaa hawaasa dheeffatu horachuuf gahee isaanii akka ba’atan waamicha dabarsaniiru.

Qabsoon farra malaammaltummaa eegalame caalaatti bu’a qabeessa akka ta’uuf hojiilee riifoormii eegalaman cimsuun barbaachisaa akka ta’e Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee yaadachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply