Paartiin Lammiilee Itoophiyaa Haqa Hawaasummaaf (IZEMA) Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa Itoophiyaatti adeemsifamu irratti bakka hundatti akka hirmaatu beeksiseera.
IZEMA’n ibsa waa’ee filannoo ilaalchisee har’a kenneen, filannoon filmaata imaammataa dhiyeessuuf, mootummaa tasgabbaa’aa hundeessuuf akkasumas aadaa dimookiraasii ijaaruuf meeshaa ta’uu isaa kan kaasan Miseensi Koree Hoji-Raawwachiistuu Paartichaa Obbo Iyyoob Masaafint, paartiin isaanii filannootti dhimma ba’uun kaayyoo kana milkeessuuf akka dorgomu ibsaniiru.
Paartichi filannoo irratti hirmaannaa dammaqina qabu taasisuun sagalee uummataa argachuuf waggoota 4 darbanitti qophii taasisaa akka ture addeessaniiru.
Paartiin IZEMA karaa nagaatiin qofa mootummaa ta’uuf akka hojjataa jiru Dura Taa’aan Paartichaa Mulu’aalam Taganywarq (PhD) dubbataniiru.
Mootummaa dabalatee qooda fudhattootni hunduu filannoon jalqabamee haga xumuramutti dirqama irraa eegamu bahuu akka qaban Paartiin IZEMA waamicha dhiyeesseera.
Keessattuu mootummaan filannoo bilisa, haqa qabeessaafi diimokiraatawaa taasisuuf gahee irraa eegamu bahuu akka qabu akeekeera.
Uummatni filatu hirmaannaa ho’aa akka taasisuufi yaada madaalee akka filatu yaadachiisuun, paartileen siyaasaa illee sochii miira kakaasu irraa of qusachuun yaada furmaataa dhiyeessuun carraa kana itti gaafatamummaan akka itti fayyadaman paartichi ergaa dabarseera.
Paartiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa hojiiwwan filannoo kana ol kaasan irratti fuuleffachuun akka hojjatu IZEMA’n waamicha dhiyeessuu isaa ibsa partichaa irraa beekuun danda’ameera.