Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodiin walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Indiyaa michooma biyyoota lamaanii caalaatti guddisuun faayidaa biyyoota lamaanii irratti waliin hojjechuuf bu’aa guddaa akka qabu ibsan.
Adeemsa Itoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaatti makamuuf taasistu akka deggaran dubbataniiru.
Daldalaafi invastimantii, qonnaa, anniisaa haaromfamuu danda’u, fayyaa, barnoota, misooma ogummaa, raayyaa ittisaa, albuuda, hubannoo nam-tolchee (AI) fi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa irratti waliin hojjachuuf akka waliigalaniis dubbataniiru.
Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin Indiyaan muuxannoo wabii nyaataa fi fayyaa, teekinooloojii misoomaa qonnaa, teekinooloojii fayyaa dijitaalaa fi kanneen biroo irratti qabdu qooduuf kutannoo akka qabdus himaniiru.

Hoggantoonni lamaan tumsa biyyoota lamaanii gara tumsa tarsiimawaatti ol guddisuuf kutannoo qaban kan ibsan yoo ta’u, kunis hariiroo biyyoota lamaanii keessatti boqonnaa haaraa kan fidu akka ta’e ibsameera.
Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin carraa barnootaa “ICCR”jedhamu Indiyaan waggaa waggaan barattoota Itoophiyaaf kennitu dachaa lamaan dabalaa akka jiru ibsaniiru.
keessattuu hirmaannaan dhaabbileen Indiyaa Itoophiyaa keessatti damee oomishaa fi qorichaa irratti taasisaa jiran guddachaa akka dhufe dubbataniiru.
Itoophiyaa fi Indiyaan sirna idil-addunyaa hunda hammate, haqaa fi seera irratti hundaa’e dagaagsuuf tokkummaan akka dhaabatan Hoggantoonni biyyoota lamaanii mirkaneessaa akka jiran ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e