‎Inistitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Pilaatfoormii Dijitaalaa “Agrilearn” jedhamu ifoomse‎

You are currently viewing ‎Inistitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Pilaatfoormii Dijitaalaa “Agrilearn” jedhamu ifoomse‎

AMN PLUS- Mudde 10 /2018

‎Inistitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itoophiyaa ATPilaatfoormii Dijitaalaa “ATI-AgriLearn” jedhamu ifoomse.

‎Pilaatfoormiin kun yeroo jalqabaaf kan hojiirra oole yoo ta’u filmaatilee dargaggoonni ittiin fayyadaman Shan kan of keessaa qabuu akka ta’e Inistitiyuutichatti Daayirektarri Damee Sagantaa Fayyadamummaa Dargaggootaa Obbo  Haayilee Dheeressaa ibsaniiru.

‎”Dargaggootni oomishtumma isaanii guddisuun akka of danda’aniifi gara biizinasiitti akka guddifatan kan dandeesisuudha” jedhaniiru.

‎”ATI- AgriLearn” pilaatfoormii dijitaalaa tiraanisfoormeeshinii qonnaa qonnaan bultoota ga’oomsuufi gurmeessuun oomishaafi oomishtummaa dabaluun qonna ammayyeessuuf akka fayyadu Daayirektarri Olaanaa Inistitiyuutichaa Maandafiroo Nugusee (PhD) dubbataniiru.

‎”Dargaggoon baadiyaa jiru ammoo qonnaan bulaa osoo hin taane gara magaalaatti galuu barbaada” jedhanii, garuu bakkuma jirutti galii argachuun hojii qonnaa irraa akka fayyadamu “AgriLearn” akka gargaaru ibsaniiru.

‎Pilaatfoormiin dijitaalaa kun galtee irraa eegalee waan hunda of keessaa waan qabuuf dargaggootaaf haala mijataa uumuufi dorgomaa akka ta’aniif kan uumame akka ta’e dubbataniiru.

‎Dargaggootni beekumsa qabanirratti hubannoo damicha irratti hirmaachuun dorgomaa akka ta’an taasisa jedhaniiru.

‎Itoophiyaan ALA’tti Bara 2023 oomisha qamadiin danda’uu akkasumas biyya alaatii galchuun akka dhaabbate kan kaasan daayirektarichi, Fiilmiin cehumsa qonna qamadii biyyattii agarsiisus ifoomuu ibsaniiru.

‎Fiilmiin oomisha qamadii bu’uura taasifachuun ifoome kun taatota dhugaafi kalaqamaniin ogeessota fiilmii Loos Aanjalas hirmaachisuun akka hojjetames ibsameera.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply