Ameerikaan Carraa DV Haqxe

You are currently viewing Ameerikaan Carraa DV Haqxe

AMN PLUS- Mudde 10/2018

‎Ameerikaan carraa lootarii Viizaa (DV Lottery) jedhamu haquu beeksiste.

Ameerikaan murtoo kana irra kan geesse dhaabbilee barnoota olaanoo biyyattii lama keessatti namootni yakka barattoota ajjeesuun shakkaman carraa Viizaa lootarii argachuun biyyattii seenuu isaanii erga poolisiin ibsamee akka ta’e Anadolun gabaaseera.

Ministirri Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa Kiristii Noo’im, lammiin poorchugaal Neevees Vaaleentee ALAtti bara 2017  kaardii magariisaan Ameerikaa seene, Sanbata darbe Yunivarsiitii Biraawun keessatti, dhukaasa banuun barattoota lama ajjeesuun, sagal ammoo madeesuun isaa shakkamuu, DV haquuf akka ragaa jalqabaatti kaasaniiru.

Guyyaa lama booda ammo Inistitiyuutii Teekinooloojii Maasaachuseetisitti, Piroofeesarri Nuunoo Looreeroo jedhaman namuma kaardii magariisaan Ameerikaa jiraatu kanaan ajjeefamuu  akkan oolle shakkamuu ibsaniiru.

Neeveez Vaaleenteen kaleessa bulchiinsa Niiw Haampishir keessatti du’ee argamuu yoo ibsameera.

Gochaawwan yakkaa dabalaa dhufuun ajaja Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp irraa  kennameen sagantaan “DV1”jedhamu haqamuu beeksisaniiru.

Sagantaa carraa Lootarii Viizaa kanaan lammiileen biyyoota garaa garaa Kuma 50 ta’an, dachee abdii addunyaa jedhamuun leellifamtu, Ameerikaa seenaa akka turan ibsameera.

Pirezidaanti Tiraamp erga baatii Amajjii bara darbe marsaa 2ffaan aangootti dhufanii as godaantota biyyaa baasuu, lammiileen biyyoota hedduu akka Ameerikaa hin seenne dhorkuufi tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhachuu itti fufaniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply