Dhimma Tiiktookaroota to’atamanii, MM Abiyyi Ahimad (PhD) maal jedhan?

You are currently viewing Dhimma Tiiktookaroota to’atamanii, MM Abiyyi Ahimad (PhD) maal jedhan?

AMN PLUS – Mudde 12/2018

Tiiktookaroonni muraasni kan to’ataman, daa’imman ol adeemoo Pilaatfoormii kanarra oolan waan hin mallerraa eeguun waan barbaachiseef ta’uu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) himan.

Dooktar Abiyyi Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030 yeroo eegalchiisan beekumsa addunyaarraa fudhannuufi aadaafi duudhaa uummataa waliin makuu ilaalchisee yaada kennaniiru.

“Dargaggoonni to’ataman kunneen Itoophiyaaf lammiilee murteessoodha, addunyaa kaanirraa barachuun qabiyyee kalaquusaanii ni jajjabeessina” kan jedhan Dooktar Abiyyi, beekumsaa alaa fudhatan duudhaa uummataa waliin yoo walitti makan garuu miidhaa geessisa jedhaniiru.

Kanaafis warreen karaarraa maqan gorsuufi dheekkamuun karaatti deebisuun waan barbaachiseef to’annoo seeraa jala oolfamuu himan.

Addunyaa irratti ijoolleen umrii 16 gadii moobaayila akka hin fayyadamne biyyi dhorkite jiraachuu kan eeran Dr. Abiyyi, biyyi Tiiktookiin qabiyyee daa’imman qofaaf ta’u filu hojiirra oolchite jiraachuu kaasan.

Itoophiyaan ammoo sirna qabiyyee daa’immaniif tolu filee dabarsu ammaaf waan hin qabneef daa’imman kanneen erguu barbaachisa jedhaniiru.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa hundi sababa uffannaa isaaniifi jecha dubbataniin namni baayyeen gufachuu danda’a jedhanii ofeeggannoodhaan fayyadamuu qabu jedhaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply