Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dandeettiin addaa bu’uura misoomaa murteessaa waan ta’eef akkuma bu’uuraalee misoomaa biroo irratti hojjachuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.
Dooktar Abiyyi goolaba sagantaa Dijitaal Itoophiyaa 2025 fi Tarsiimoo Dijitaalaa Itoophiyaa 2030 irratti gaaffilee hirmaattotni kaasanif deebii wayita kennan “Dandeettiin addaa bu’uura misoomaa murteessaadha” jedhaniiru.
Kalaqxootni teekinooloojii dorgomtoota isaanii kan ittiin injifatan gahumsaan fooyya’anii argamuun akka ta’e ibsuun kalaqa damee fayyaafi dameewwan biroo keessatti mul’atan jajjabeessuuf mootummaanis akka hojjetu ibsaniiru.

Kaayyoon guddaan Dijitaal Itoophiyaa 2030 dandeettii oomisha roobootii biyya keessaa, bilbila, “iPad” fi kanneen biroo kalaquu akka ta’e eeraniiru.
Gama biraatiin, al-ergiin bunaa dachaa sadii dabaluu isaa ibsuun, damee kana gama dijitaalaan deggeruun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo (INSA) keessatti kan jalqabame Samar Kaampiin mana kitaaba waliinii qabu dorgommii roobootiifi hubannoo nam-tolchee (AI) Inistitiyuuti akkasumas “START UP” kan qabu gamoon iddoo hojii kun bu’uuraalee misoomaa dhiyeenya jalqabaman ta’uu ibsaniiru.
Hoggantootni “Start Up” jajjabeessuu, akka hin badne hojjachuun saffisiisuuf itti gaafatamummaa dabalataa akka qaban Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) hubachiisaniiru.