Milkaa’inni keenya akkuma qophii keenyaati – Dooktar Ashabbir W/Goorgis

You are currently viewing Milkaa’inni keenya akkuma qophii keenyaati – Dooktar Ashabbir W/Goorgis

‎AMN PLUS- Mudde 13/2018

‎Pirezidaantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dooktar Ashabbir W/Goorgis Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa U-17 Gadii Angoolaa Magaalaa Luwaandaatti turtiin taasisan akkuma qophii gaarii taasisan milkaa’aa ta’uu ibsan.

Medaaliyaa 33 argachuu kan kaasan pirezidaantichi, kana keessaa 8 Warqee tahuu himanii, uummata Itoophiyaa maraan “Baga Gammaddan” jedhaniiru.

‎Itoophiyaan Atileetiksiin Afrikaa irraa sadarkaa 1ffaan akka xumurte eeruun, dorgommiiwwan 28 keessaa 7 irratti hirmaachuun olaantummaan akka xumurte ibsaniiru.

‎Itoophiyaan ulfaatina kaasuun lakkuulee Benishaangul Gumuz irraa argamaniin Medaaliyaa Birrii 3 fi Nahaasa 3 kan injiffatte yoo ta’u, Tekuwaandoodhaanis qabxii gaarii argachuu dubbataniiru.

‎Deetaan Ministira Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammad gama isaaniin, yeroo gabaabaa keessatti hojjachuun bu’aa argame kana caalaatti hojjachuun dorgommii Olompikiifi addunyaa irratti qabxii olaanaa galmeessuun akka danda’amu dubbataniiru.

‎Hojiin waloo akkanaa dorgommiiwwan biroof illee fakkeenya akka ta’u Obbo Makkiyyuun ibsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply