Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) har’a Pirezidaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo waajjira isaaniitti simatanii kan waliin mari’atan ta’uu miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Daawwannaa hojii Pirezidaant Ruutoon guyyaa tokkoof Itoophiyaatti taasisan kun hariiroo jabaa, seena qabeessaafi obbolummaa biyyoota lamaanii kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Dooktar Abiyyi, Pirezidaant Ruutoo waliin mariin taasisan hariiroo waloo biyyoota lamaanii haala ittiin cimsuun danda’amu irratti mari’achuu kaasaniiru.
Dabalataanis, Nageenyaafi tasgabbii Gaafa Afrikaa irratti yaada wal jijjiiruu isaanii eeruun nagaafi tasgabbii irratti mari’achuu irra darbee ejjennoo waloo murtoowwan Afrikaan durfaman kan calaqqisiisu akka ture ibsaniiru.