Shirri Kaleessaa Itoophiyaatti Ulaa cufe, tokkummaa lammiilee biyyattiin deebii ni argata- Hayyoota Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa

You are currently viewing Shirri Kaleessaa Itoophiyaatti Ulaa cufe, tokkummaa lammiilee biyyattiin deebii ni argata- Hayyoota Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa

AMN PLUS- Mudde 15/2018

“Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itoophiyaa deebii akka argatuuf hayyootni qooda isaanii gumaachuu qabu” jedhan Hayyoonni Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa.

“Shirri Kaleessaa Itoophiyaatti Ulaa cufe, tokkummaa lammiilee biyyattiin deebii ni argata” jechuun himaniiru.

‘Haqni Abbaan bira hin jirre Hadiyyoodha’ akkuma jedhamu bar- kurnee sadi dura warri hiree biyya bakka bu’uu argatanis, biyya osoo hin taane, fedhii Diinni Itoophiyaarratti qabu taliigaa bahan Itoophiyaa qa’ee isheerraa duugda galchaniiru.

“Haqni Afaan Qaban funyaaniin dubbataafi Aduufi Adiin hin dhokatan” waan taheef, “dhugaan kaleessa shira warra fagootiifi ergamtoota keessootiin xaxame ifatti bahuun, Itoophiyaan waggaa 30 booda qa’eeshee kaleessaa kan tahe, Galaanaa Diimaatti deebi’uuf, yeroon isaa amma” jedhu Hayyoonni Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa AMN PLUS Sagalee dhalootaaf addatti yaadasaanii qoodan.

“Akkan qabneen iyyattee, irra hin jirreen dirmatte” akkuma jedhamu, har’aas siifiin fe’amaafi fedhii lammiilee Itoophiyaa hanqisuufi guddina ariifachiisaa biyya guddoo Afrikaa Bahaa taate kana gaadi’uuf warri kaleessaa wixxifachuu kan hin dhiifne tahuusaatiin, “shira gatachiisuuf tokkummaan fala filannoo hin qabne” jedhu Hayyoonni Yunivarsiitichaa kunneen.

“Hidhi Haaroomsa Guddicha Itoophiyaas osuma itti dhaadatamuu cichoomina hoggansaa Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin milkaa’e” kan jedhan Hayyoonni kunneen, akkuma jechama “Oduun Odaa hin jiksitu” jedhamuu, beektonni biyyattii oduu sobaa diinota kaleessaa har’aas foolachuu hin dhiifnee kana burkuteessuufi gaaffiin Ulaa Galaanaa akka deebii argatuuf, Lammiilee qindeessuufi yeroo murteessaa kanattii beekkumsa isaanii gumaachuu akka qaban Hayyoonni Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa dhaamaniiru.

Yaalii Itoophiyaan karaa nagaatiin Ulaa Galaanaa argachuuf gootu, humnaafi shiraan hambisuuf humni kamuu eessaahiis yoo dhufe, Itoophiyaanonni ilmaan Abbootii gaafa Adawaa, Gurraafi Gundeet har’as akka jiraniifi Abbootii kaleessa caalaa kan ijaaramaniifi humna daangaa, fedhiifi birmadummaa biyya ofii ittisuu cimaa qaban akka jiran hubachuu qabuus jedhaniiru.
Mahaammad Toofiq tu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply