AMN PLUS-Mudde 22/2018
Miseensi Gadaa Michillee Karrayyuu Ilmaan Baasuu sirna buttaa qaluuf godaanee Ardaa Jilaa Tarree Leedii qubatee jira.
Sirni buttaa qaluu kunis miseensa gadaa itti aanuu warra Halchiisaa ykn Duuloof irreecha gooba kennuuf.
Kunis waggoota aangoo kennuuf hafee lamaan kana keessatti miseensi gadaa halchiisa warri aangoo fudhachuuf qophaa’an haal-duree bulchiinsaa akka mijeeffataniif yeroo itti shaakalaafi qophii taasisan ta’uu miseensa Gadaa Michillee kan ta’e Lalisaa Barcoo Boruu turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen ibseera.
Kunis miseensa qophaa’aa jiran kanaaf Irreecha Goobaa jechuunis ofkaltii kennuuf akka ta’es dubbataniiru.
Hanga Miseensi Michillee sirna buttaa qaluu raawwatutti warri halchiisaa sirna shaakala aangoo akka hin taasisne ibsameera. Shaakaluuf warri Gadaa Jiituu harkaa qabu eebbisanii ofkaltii kennuufi qabu jechuudha.
Sirni Gadaa kun yoo adeemsifamus miseensotni hudduu akkuma gahee isaaniitiin faaruu qabu. Sirna buttaa qaluu miseensoota Gadaa Michillee ilmaan Karrayyuu Baasoo kanaarrattis warri Michillee Doorama gubbaa waan jiraniif akkas jechuun faarfatu.

“Doorii marree siif marree yaa bokkuu dayyuu na magarsi
Doorii marree siif marree yaa jiree kiyyaa na magarsi…”
Faaruu kana keessatti “Doorii”n warra Gadaa Jiituu harka qabu yoo ta’u, “Bokkuu”n ulfoodha “Dayyuu”n warra hangafaa jechuudha. Faaruu sarara 2ffaa keessatti “Jiree”n lafa Gadaan Karrayyuu bokkuu itti magarfatu jechuudha.
Dhaamsi faaruu kanaas warri gadaa jechuunis dooriin bokkuu kanaaf mammaaruu mee nu magarsi ykn nu biqilchi jechuudha.
Miseensi Gadaa aangoo fudhachuuf qophaa’aa jiranii kan faarfatan yoo ta’an isaanis akkas jechuun faarfatu.
“Goobaan marree siif marree yaa Waaq- na magarsi
Goobaan marree siif marree yaa bokkuu dayyuu na magarsi…” “Goobaa”n miseensa aangoo gadaa fudhachuuf qophaa’an jechuudha.
Miseensi sadarkaa foolloma ykn rubboo gubbaa jiranis akkaatuma gahee isaaniitiin waan faarfatan qabu. Isaanis akkas jechuun faarfatu;
“Caasaa roobaa hayyee roobee gabbise yaa follooma tiyyaa
Foollee roobaa hayyee roobee gabbise yaa follooma tiyyaa…”

Sirna buttaa qaluu kanaaf godaananii guyyoota 10’n ardaa jilaa kanarra kan turan yoo ta’u, gaafa guyyaa kurnaffaa kana “cidhatu gala” jedhan Lalisaa Barcoo Boruu turtii AMN Dijitaal waliin taasisaniin. “Cidhatu gala” jechuun “keessummootni akkasumas kan cidha kanaaf gumaatu cidha kanaaf ardaa jilaatti argamu” jechuudha.
Cidha kana irrattis akkas jechuun eebbifatu…
Eebbisaan “Bokkuun guutamee”
Kan jalaa qabu “Ee guutamee”
Eebbisaan itti fufuun
“ Biyya nagaa nuu godhi
Roobaan daangaa nuu fadi
Biyyi tiyyuuman jedha… “ jechuun eebbifatu.

Sirna kanaafis tarree galma ijaarameen korma qophaa’e qalu. Warri Abbaa Bokkuu korma qilxuu qalu. Miseensotni Gadaa Michillee akka ilmaan angafaA quxusuutti korma buttaaf qophaa’e qalu.
Sirna buttaa qaluu kana raawwachuunis aangoo kennuuf qophaa’uu agarsiisa malee aangoo kennuuf waggaan lama akka hafu Lalisaan himaniiru. “Waggaan lamaan gaafa gahu cidha qopheessuUn gadoomu” jechuunis barcuma taa’uun aangoo dabarsanii miseensa qophaa’eef kennu jechuudha.
Shuumii Badhaasootu qindeesse