AMN PLUS – Guraandhala 06/2018
Afriikaan Itaalii waliin taatee Ardii Awurooppaa waliin hariiroo haaraa hirkattummaarraa bilisa ba’uun walkabajuu bu’uureffate ni ijaarra jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD).
Yaa’iin Afriikaa-Itaalii 2ffaan bakka Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahimadii fi gita isaan kan Itaalii Joorjiyaa Meeloonii dabalatee bakka dureewwan biyyoota garaagaraa argamanitti Finfinnee giddu gala Koonveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti taa’ameera.
Yaa’icha irratti haasawaa taasisaniin ergaa kan dabarsan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Itaaliin rigicha guddoo hariiroon Afrikaa fi Awurooppaa ittin sadarkaa barbaadamurra gahu tahuushee ibsaniiru.
Dr. Abiyyi haasawaa isaaniin yaa’ii Itaalii – Afrikaa waggoota 2 dura Itaalii Roomitti taa’ame yaadachiisuun piroojektiin Karoora Mateyi (Mattei Plan) yaa’ii bu’uura jabaa itti argatee fi hojitti hiikamaa jiru tahuu ibsaniiru.
Keessattuu dhimmootni ijoo afur yaa’ichaaf murteessoo ta’uus itti dabaluun ibsuun godaansa seeraan alaa ittisuu, anniisaa haaromfamaa hojirra oolchuu, guddina itti fufiinsa qabuu fi wal-qixxummaa mirkaneessu cimsuu akkasumas humna namaa gahoome qabaachuun eerameera.
Akkuma Itaaliin riqicha hariiroo Afrikaa fi Awurooppaa taate tajaajiltu, Itoophiyaan daandii sagaleen Afrikaanotaa ittin Addunyaarratti dhagahamu fudhatamas argatu tahus Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) haasawaa yaa’ii Itaalii – Afrikaa 2ffaa irratti taasisaniin xiyyeeffannoo argachiisaniiru.
Dameen teeknoloojii keessattuu Hubannoon Nam-Tolchee (AI) Addunyaa har’aa keessatti daandii ittin beekumsa gudunfatan qofa osoo hin taane madda carraa hojii uumuu tahus kan hubachiisan Dr. Abiyyi Itoophiyaan carraa argame maraan gara sanatti imalaa jiraachuu ibsaniiru.
Ministirri Mummee Itoophiyaa itti dabaluun badhaadhina waloo fiduun wal qixa fayyadamaa tahuuf tokko isa biroof dhadhaabbata tahuun murteessaa tahus ergaa isaanii keessatti har’a irra dhaabbannee boriif yaaduun biyyoota hundaaf murteessaa dhaan hubachiisaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin