Bakki mijataa fi ammayyaa guddina ogummaaf carraan balʼaa uuma -Ministeera Aadaa fi Ispoortii

You are currently viewing Bakki mijataa fi ammayyaa guddina ogummaaf carraan balʼaa uuma -Ministeera Aadaa fi Ispoortii

AMN PLUS- Mudde 23/2018

Guddina ogummaa mirkaneessuuf barnootni, imaammatni mootummaa fi iddoon hojii mijataan murteessaa akka ta’e Deetaan Ministiraa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Piroofeesara Gargaaraa Nabiyyyu Baayyee ibsan.

Deetaan ministirichaa turtii AMN waliin taasisaniin bakki mijataa fi ammayyaa guddina ogummaaf carraan balʼaa akka uumu ibsaniiru.

Magaalaa Finfinneetti waggoota muraasa dura tiyaatirri amfii guddaan tokko qofa kan ture yoo taʼu, yeroo ammaa garuu shantamaa ol ijaaramuu kaasaniiru.

Kana malees, magaalaa keessatti paarkiiwwan 120 ol taʼan keessatti hojiiwwan aartii gara garaa itti hojjataman akka ijaaraman himaniiru.

Iddoowwan kunneen jalqabuma kaayyoo ijaarsa isaaniirraa kaasee qabiyyee ogummaa of keessaa kan qaban, akkasumas miidhagina irratti xiyyeeffatanii kan ijaaraman akka ta’an dubbataniiru.

“Ogummaan kan waliinii dha; addaan baʼuu, qoqqoodamuu fi kophaa taʼuu hin jaallatu. Waan waliinii cimsu hundi ogummaa dha” jechuun kan Ibsan yoo ta’u, ogummaan waan dukkanaa’eefi dimimmise akka hin simanne eeraniiru.

Ogummaan jaalala waliinii fi hojiiwwan hawaasni walitti dhufeenyaan raawwatu kan jaallatu waan taʼeef, hojiiwwan akkanaa milkeessuuf iddoon mijataan akka barbaachisu himaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply