Daldaltoota oomisha dhoksuuf yaalan irratti tarkaanfiin ni fudhatama- Biiroo Daldalaa Finfinnee

You are currently viewing Daldaltoota oomisha dhoksuuf yaalan irratti tarkaanfiin ni fudhatama- Biiroo Daldalaa Finfinnee

AMN PLUS- Mudde 23/2018

Ayyaana Yaadannoo Dhaloota Iyyasuus Kiristoos torban dhufu kabajamu waliin wal qabatee dhiheessiin oomishaalee gahaan akka jiraatuuf qophiin gahaan taasifamuu Biiroon Daldala Magaalaa Finfinnee beeksise.

Miidiyaaleef ibsa kan laatan Hooggantuun Biiroo Daldala Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj “giddugaloota gabaa 5 fi gabaa Sanbataa 239 irratti oomishaalee ayyaana Qilleef barbaachisan dhiheesuuf qophiin xummurameera” jedhan.

Giddugala gabaafi gabaa sanbataan alattis Waldaalee Hojii Gamtaa 173tti fi Biiroon Indastirii iddoolee oomishaa qopheesuu dabalatee agarsiisa guyyaa borii kutaalee magaalaa hundatti banamu irratti oomishaaleen hundi gatii madaalawaan kan dhihaatu ta’uu Aadde Habiibaan himaniiru.

Gabaa ayyaanaaf lukKuuwan kuma 600 ol, kilee Miiliyoona 14 ol, loon re’ee fi hoolaa kuma 200 ol gatii madaalawaan gabaaf dhiheesuuf qophiin taasifamuus himameera.

Xaafiin kuntaalli tokko birrii kuma 9 hanga kuma 12tti gabaaf dhihaachuu ibsameera.

“Yeroo ammaa haala addaan ol ka’iinsa gatii kan argisiisaa jiru dhiheessii zayitaa waliin wal qabatee gatii madaalawaan hawaasaaf dhiheessuuf zayita liitira Miiliyoona 3 ol dhiheessuuf hojjatamaa jira” kan jedhan aadde Habiibaan, zayita liitira abbaa shanii birrii kuma 1100’n dhiheessuuf karoorfameera.

Daldaltoota oomisha dhoksuuf yaalan irratti tarkaanfiin gahaan kan fudhatamu ta’uu kan himan Aadde Habiibaan Humni Waloo Kantiibaa Itti Aanaan hoogganamu ijaaramee to’anoofi hordoffiin taasifamaa kan jiru akka ta’e himameera.

Itsagannat Damisseetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply