AMN PLUS – Guraandhala 02/2018
Baankiin Awaash ji’oota jahan darbanitti tajaajila dijiitaalaan birrii tiriiliyoona 1 ol daddabarsu ibseera.
Baankichi mata duree ‘itti quufiinsa maammiltootaaf cimnee ni hojjenna’ jedhuun sagantaa torban maammiltootaa kabajeera.
Saganticha irratti argamuun ergaa kan dabarsan Hoji Raawwachiisaan Olaanaa Baankii Awaash Obbo Tsahaay Shifarraawu, waggoota 31 kan lakkoofsise baankichi maammiltoota miiliyoona 16 fi kuma 500 ol horachuu dubbataniiru.
Baankichi tajaajila yeroon barbaadu kennuun dorgomaa tahuuf hojii hojjetaa jirun ji’oottan jahan darban qofa tajaajila dijiitaalaan daddabarsa birrii tiriiliyoona 1 ol raawwachuu obbo Tsahaay ibsaniiru.
Baankichi gara fuulduraattis sagantaa torban maammiltootaa cimsuu dabalatee kaka’umsa hojjettoota keessatti uumuun tajaajila kennuu qabu caalmaatti fooyyessee kan itti fufu tahuu ibsameera.
Bulchaa Nagaraatu gabaase