AMN PLUS- Mudde 23/2018
Dhaabbata maashinoota gosa adda addaa oomishuun sadarkaa Oromiyaafi Federaalaatti beekamtii horachuu Injinar Gaaddisaa Saanii dubbateera.
Injinar Gaaddisaan AMN PLUS Qophii Carraaqqataa irratti turtii taasiseen qaama miidhamaa Abbaa kalaqaa hedduu ta’uu kaasuun kan dhalatee guddate Naannoo Oromiyaa, Godina Harargee Lixaa Aanaa Habroo keessatti dhalatee guddachuu ibseera.
Barnoota isaa sadarkaa 2ffaa Magaalaa Galamsoo fi Hararitti kan barate Injinar Gaaddisaan, Yunivarsiitii Haramaayaa irraa Sooftweer Injinariingiidhaan akka xumureefi yeroo ammaa Magaalaa Shaggar, Malkaa Noonnoo keessa jiraachuu kaaseera.

“Waa kalaquun miira addaa na keessatti waan uumuuf ijoollummaa koo irraa kaaseen hojii kalaqaa jalqabe” kan jedhu Gaaddisaan, Yunivarsiitii seenuun isaa illee ogummicha gabbifachuuf akka ture himeera.
Yunivarsiitii keessattis kalaqoota sadii akka hojjete kan himu Gaaddisaan, hojiin isaa jalqabaan Roobootii ijoollee taphachiiftu, siistama tempireecharaafi Appilikeeshinii moobaayilaa akka hojjete ibseera.
“Ammatti kalaqa roobootii sana nan dhiise” kan jedhu Gaaddisaan, siistama tempireecharaa yeroo ho’u qabanneessuufi yeroo qabbanaa’u ho’a kennu akkasumas Appilikeeshinii moobaayilaa akka hojjete kaaseera.
Kalaqichis ijoolleen mana barumsaa keessatti galmaa’uufis ta’e hojiiwwan adda addaa gama onlaayiniin raawwataman furuuf “EthioUniversityApp” jedhamu akka kalaqe himeera.
Faayidaan Appilikeeshinii kunis Yunivarsiitii 45 walitti fiduun bifa salphaa ta’een namni odeeffannoowwan adda addaa argachuu akka danda’u kan gargaaru yoo ta’u, ammallee itti fayyadamaa akka jiran kaaseera.

Dabalataanis Gaaddisaan maashinii daabboo ofumaan hojjachuun, kalaqa isaatiin namoonni hedduun irraa fayyadamaa jiraachuu dubbateera.
“Maashiniin daabboo hedduun humna ibsaa guddaa barbaada” kan jedhu Gaaddisaan, kafaltiin isaallee guddaa akka ta’e kaasee, kan inni kalaqee garuu humna ibsaa xiqqaan tajaajila kennuu akka danda’u ibseera.
Maashininin daabboo inni kalaqees daabboo 120 daqiiqaa 15 keessatti tolchuu kan danda’u ta’uu himeera.
Kalaqni maashinii daabboo kunis tajaajila erga jalqabee waggaa 3 akka guute dubbateera
”Gara fuulduraatti illee deggersa yoon argadhe gara biyya alaatti oomishakoo erguufi carraa hojii dhalootaaf uumuuf Karoora qaba” jedhe
Qaama miidhamaa ta’uun koo bakka barbaachisu deemee haala mijeeffachuun na rakkisa” kan jedhu, Injiinar Gaaddisaan deggersi bakka hojii akka taasifamuuf gaafateera.
Injinar Gaaddisaan kanaan dura roobootii hojjachuu kaasu ammas rookkeettii samii irra furgiggifamu hojjachuuf mul’ata qabaachuu dubbateera.
Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e